Popular Posts

YOOM HAARA BAAFATTAA?

Imaltuu halaalaa, bobbaa gala hin qabne
Tan karaa hin gaafannee, tan galma hin himanne
Demtuu namaan demtuu, tan namni hin agarree
Xinxaltuu seenaadhaa, akeektuu hegeree
If duraas if boodaas, karaa lachuu labda
Qixxaawaan maleetti, amnii kan kee adda
Gamanaa gamasii bakka hin gorree hin qabdu
Lakkaawamee hin dhumuu, wannii ati barbaaddu
Kalees deemaa turtee, arraas karaa jirta
Qalbii mee naa himi, yoom haara baafatta?

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...