Popular Posts

SHANYIIN BAATEE GALTE!

Jiruun jiraachuudhaaf, sadoo tilmaammadhe
Irra finxee shanyii, filee facaafadhe
Ee....
facaasee hin magarree
Biqiltee hin agarre
Caamnii irra aanee, shanyiin baatee hafte
Hongeen natti buutee, sadoon na baqatte
Duuba...
Akkiin ani yaadee, akkii kiyya dabree
Dubbii galtee baree, eegaan obsee sabre
Gaafa kaan ni roobee, roobee ol naqabe
Shanyiin baatee galtee, hele waaniin dhabe.

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...