Popular Posts

BUTTIICHA!

Dur nin aanaannadha, 
rorriifame hin usu,
Arraan tanaan bare, 
gad dhiitame obsu.
Ati na wallaaltuus, 
anaa fi ati foonii
Na-roorriftee je'ee, 
foon fi hin nyaadhu ani
Yoo laalachu baattee, 
sin gorsuu itti fuufii
Dhugii dhiiga kan kee, 
qochuummaa kee afuufii
Bashaysii lafee tee, 
dhuuha isii gad dhuugii
If nyaattee haluusuuf, 
qaamuma kee wareegii
Aanaa koo buttiicha, 
buttuu sirra wayyaa
Buttuun buttuu hin nyaattuu, 
tan tee tun haraya
Ambatti hin himadhu, 
Haanuma teysu garaa
Dheysee garuu hin dhaquu, 
anuuma haa nyaattuu coraa

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...