Popular Posts

HELLEMAA (Dhiiraa fi Dhalaan wal-jalaa qabaa)

Way leleeeeee... kottuu leley leleee
Ani silallaan...boonuu feetee wallee..
Kajeellaa tee hin qabuu...
If hin dhibiin yaaddee...ani sin hin mallee.......
Goooosh....

Helleen Heeleeliidhaa, niitii biyyoodhaati
Heleelii biyyoodhaa...Miidhagaa Lolaati
Sangumma jaalattuu..qaltuun arrabsiti
Kajeeltuus nan heeltu..ija dhiibduu atiis way naa....

Magaallee naa yaamee, dimtuun ifiin dhuftee
Gabuulee qaqooytuu, eenyu siyaammatee
Tan naannoo hin jiysiinee, maa harree hin tiysiinee
Tan mataa muxxuuqii, gala tee itti tuqii....deem gal..

Bareediina kiyya sin kannuu hir'isee
Kan sifokkiseetuu, afaan sidhereeysee
Bifa qofAa miti arraata hammaattaa
Yoo if arku baattee, daawwitiin sibita

Meeqaatuu hamuunaan shaggoyyee na-bu'ee
Martuu looshee kumaatu narraan dhangala'ee
Akka muka jigee, quncee ka'aa sirraa 
Haftuun qaanyii hin beytu, gayee dhaabii narraa

Dhoqqoo fuula keeti, bishaanii irra ciisee
Xurii moorma keeti dhullee torbaa jiisee
Dhohaa faana teetii, rirmaa keysa galee
Millii kee harqootaa, takkaa kophee hin helle

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...