Uummanni Oromoo aadaa bal'aa fi gabbataa kan bara dheeraaf kuufame kan qabuu fi aadaa kana tiksee dhaloota irraa dhal ootatti dabarsuudhaan kan har'aan ga'ate uummata aadaa fi duudhaasaatiin boonuu dha.
Aadaan uummata kanaa sirna siyaasaa diinagdee fi hawaasummaa kan ta'e Gadaa irratti kan hundaayee dha. Gadaan jiruu fi jireenya hawaasaa, bulchiinsaa fi diinagdee, falaasamaa fi ilaalcha uummata Oromoo kan qare, uummaticha qaamaa fi hubannoon tokkoomsee, wal diddaa fi fincila malee kan bulche sirna dimokraatawaa dha .
Sirni Gadaa bara sabni Oromoo ofiin ofbulchu guutummaatti kallattii fi bulmaata uummataa kan oogganu dha. Sirni kun bara kanas aangoo siyaasaa , diinagdee fi hawaasummaa keessatti gayccn inni qabu ol aanaa dha.
Sirni kun caaseffamni isaa, aangoon qaama adda addaatiif kan qoodamee fi karaa wal to ' annaa/check and balance/ kan qabu ta ' uun isaa walqixxummaa dhala namaa kan mirkaneessu/ mirgi daa ' immanii , kan dubartootaa fi kooluu galtootaa kan kabajame ta ' uu n/ aangoon biyya bulchuu bilisa ta ' ee kan uummataan kennamuu fi yeroo paartiin tokko aangorra turu sceraan daanga 'aa ta ' uuni fi karaa nagaatiin darbuun dimokraatawaa ta ' uusaa mi rkaneessa.