Popular Posts

KAN JIRU WAL ARKA!

Bara dhufaa dabraa, aduu baatee dhiituu,
An sumaan aloola, atilleen dhokattuu
Hurree ifiin martee, teysoo wallaalchifattuus
Bubbeen cilliim gootee, arkaaf na rakkiiftuus
An sumaan barbaada, hangaan lubbuun jiru
Baddee- hafta je'ee, yaada garaa hin hiru
An sirra waa bekee sin-himuu ni beyta,
Dhabamtee-nadhibde, maa-beekaa wallaalta!
Addunyaan takkuma, tan biraa hin uumamne
Ni jirta- hin dunee, dutee hin awwaalamne..
Duuba akkamin taha, jiruun si lagadhe
Kan jiruu wal arka, jechuun amanfadhe!

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...