Popular Posts

Shaggooyyee Senaa Akeektuu

Shaggooyyee

Baabuur borsaan dhufee,
Kahulaa saddeetii...
Saddeettanu banee,
Barbaaduma keetii..
Qilleensaan naffidee,
Shittoo morma keetii...way naa...

An ammallee
Faanuma teen dhawaa naannee
An ammallee
Sumaan haasawaa
Situu naadawaa mee akkam

An ammallee
Tan biraa takka hin feedhu..... looshee
An ammallee
Sirraa abdii hin murannee.... lokoo
An ammallee
Yaa nassabee intalaa,... laal mee
An ammallee
Simalee hin kaadhimannee
Kottuu naa yaa leymaanee mee akkam

As ammallee,
Fardii gaara kundhudhoo laal gaa
As ammallee
Cancalamee waan beekuu mee akkam
An ammallee
Dubree bareedduu laaftoo, laal gaa
An ammallee
Takka simalee hin arkuu , looshee naa laafii garaa naannee

As ammallee,
Iyyaasuu ilma Ali laal gaa
As ammallee
Guraawatti dhidhiimsanii mee akkam
An ammallee,
Si arkachuudha too murtiin, bontuu
An ammallee
Waan feedhan odeysaniis, sirraa nan hambiisanii naannee

As ammallee,
Qacuun gaaraa bilchaattee, looshee
As ammallee
Lenca gobellee nyaataa...naannee
An ammallee,
Yaada kee dudubbannaan, bontuu
Way ammallee..
Naan ja'anii maraataa...akkam siitahuu feetaa kommee

Yaa lammiitoo
Abubakar Mussaaffaa, hayyuu
Way gaafatti
Nyaaphaatuu galaafatee, way way
As ammallee,
Ifa har'aa nu ibsuuf, dhiiroo
Way yaa lammii 
Meeqa kan biyyeen nyaattee, sheenaan yoom nurraa baatee yaaboo

Yaa qomoo too
Gaafatti guyyaa murtii, foon koo
Way yaa lammii
Ra'uuf Baashaa nu duulee, zaylaan
Yaa Oromoo,
Oso walirraa hin dheeysiin, gamtaan
Rorroo diddaaf
Biyya teenyarratti lollee, hin dagannuu arrallee..yaaboo





No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...