Popular Posts

Walaloo Shaggooyyee

Keenya Haramaayaa - gubbaa ganda qoree
Jaalala tee hamtuu ~ Rabbumaa na rare.
Carcar keessa jiraa ~ Odaan seenaa qabuu
Lameen wal jaalate ~ turus wal hin dhabu
Bishaan Haramaayaa ~ Rabbumaa gogooysee
Silaa sirraa hin hafu ~ hiree na hambise.
Afaan amaaraatiin ~ qanqalloon sillichaa
Kan jaalatan malee ~ kan jibban jinnicha.
Bishaan lubbuu tahu ~ yoo dheebotte beyta
Nama si jaalatus ~ yoo rakkatte beeytaa.
Hoolaan dalluu hinqabuu ~ ittuma hin uuminii
An tantee waan qabuu ~ if hin shukkuuminii
Baalli yoo goggoge ~ ifiif lafa bu'aa
Hangam wal jaalatus ~ eenyuu wajjiin du'a
Namni yoo rakkate ~ Rabbi isa yaadataa
Boochee nan boochisin ~ lakkii na lakkiftaa.
Biyya faranjiidhaa ~ xayyaaraan dhaqanii
Gantuu meeqan arkaa ~ sin amanu ani.
Gurri hulaa hin qabu ~ waa hunda dhagayaa
Miskiinummaa tiyya ~ naan gaddin hiriyaa.
Ani asitti na dhiiftee ~ biyya ambaatti galtee
Rabbittin si dhiise ~ narraa yoo jaalatte


No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...