Popular Posts

AKKAAN SABRII HIN DHABNE

Too qalbiin sibira, kee garaan garamii
Sobaan nan kakkabiin, dhuguuma naa himi
Dhuguuma naa himi, an soba hin barbaadu
Yoo dhugaa dubbatan firummaan hin baddu.....
Imaltee fagaattee, kabiraa qalbiiftuus,
Haamilee too eeguuf, sobdee ol naqabduus,
Naahimii anumaaf jecha, abadan nan dhoysiin,
Kan naa yaaddee setee, qanuuna nan cabsin.
Dhugaa natti himii, balaan fetee haa buutu,
Akkaan sabrii hin dhabne, gaafa na lakkiiftu.

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Ragaa MEDIA: Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA

Sutuumee yaa sutuumee Maal jaajjata Kottuu mee - Sayyoo Dandanaa @Ragaa MEDIA Ragaa MEDIA is the home old and non archived music, songs and...