Popular Posts

Sirni Gadaa Hambaa Addunyaa ta 'ee akka Galmaa'uuf Gaaffii Ummata Oromoo irraa Dhiyaate Ture


Uummanni  Oromoo aadaa  bal'aa  fi gabbataa kan  bara dheeraaf kuufame  kan qabuu fi aadaa kana tiksee  dhaloota  irraa  dhal ootatti  dabarsuudhaan  kan  har'aan  ga'ate  uummata  aadaa  fi duudhaasaatiin boonuu dha.

Aadaan  uummata  kanaa  sirna  siyaasaa  diinagdee  fi  hawaasummaa  kan  ta'e  Gadaa  irratti  kan hundaayee  dha.  Gadaan  jiruu  fi  jireenya  hawaasaa,  bulchiinsaa  fi  diinagdee,  falaasamaa  fi ilaalcha  uummata Oromoo  kan  qare,  uummaticha qaamaa fi  hubannoon  tokkoomsee,  wal  diddaa fi  fincila  malee kan bulche sirna dimokraatawaa  dha .

Sirni Gadaa bara sabni Oromoo ofiin ofbulchu guutummaatti kallattii  fi bulmaata uummataa kan oogganu  dha.  Sirni  kun  bara kanas  aangoo siyaasaa ,  diinagdee  fi  hawaasummaa keessatti  gayccn inni  qabu ol  aanaa dha.

Sirni  kun  caaseffamni  isaa,  aangoon  qaama  adda  addaatiif  kan  qoodamee  fi  karaa  wal to ' annaa/check  and  balance/  kan  qabu  ta ' uun  isaa  walqixxummaa  dhala  namaa  kan mirkaneessu/ mirgi  daa ' immanii ,  kan  dubartootaa  fi  kooluu  galtootaa  kan  kabajame  ta ' uu n/ aangoon  biyya  bulchuu  bilisa  ta ' ee  kan  uummataan  kennamuu  fi  yeroo  paartiin  tokko  aangorra turu sceraan daanga 'aa ta ' uuni  fi  karaa  nagaatiin darbuun dimokraatawaa ta ' uusaa  mi rkaneessa.

Aadaa  fi  muuxannoon  uummanni  Oromoo  walqixxununaa  fi  aadaa  dimokraasii  itTatti  qabu, fakkeenyummaa kan  qabuu fi  biyyi  keenya  Itoophiyaan haadha aadaa dimokraasii  ganamaa  akka taate  addunyaan  akka  hubatu  taasisuuf sirni  Gadaa  hambaa  addunyaa  ta 'uun  akka  galmaa ' u gaaffiin  gama  uummataatii n  dhiyaatc  fi  galmaa ' uu  isaa  kan  deeggaru  ta ' uusaa  mallattoosaatiin

Gadaan  Sirna  siyaasaa,  diinagdee  fi  hawaasummaa  uummanni  Oromoo  ittiin  wal  bulchaa  ture. Sirni  Gadaa  Sirna  ittiin  bulmaataa  dimokraatawaa  hawaasni  matii haala  walqixxummaa  qabuun kan  keessatti  qooda  fudhatu.  Sirni  Gadaa  uummata  Oromoo  gosaan  yookaa  gitaan  otoo  gargar hin  baasiin  Gadaa  shanitti  gurmccssee  akka  dabaree  wal  bulchu  kan  taasisc.  Gadaan uummanni Oromoo  Gadaa  shanan  kana jalatti  gummayee  dabaree  darbuun  waggaa  saddeet  saddeetiif  kan itti  wal  bulchu.

Gadaan  shanan  Booranatti  Moggisaa,  Sabbaaqaa,  Daraaraa,  Fullaasaa  fi  Makkuulaa  dha.  Gosa Oromoo  Karrayyuu  biratti  Gadaan  Shanan  Roobalee,  Melbaa,  Birmajii,  Michillee  fi  Halchiisa . Gosa  Oromoo Maccaa fi  Tuulamaa  keessatti  Shanan Gadaa Horata,  Michillee,  Duuloo,  Roobalec fi  Birmajiii  dha. Sirni  kun  ij oollee  miseensa  Gadaa  aangoorra  jiru  irraa,  waggaa  saddeettan  Gadaan  sun aangoorra  turu  keessatti  dhalatan,  miseensa  Gadaa  sanaa  taasisuun  aangoo  Gadaa  marsaa  itti aanu  isa  waggaa  afurtama keessa  naanna'ee  dhufuuf qophii  jalqabsiisu.  Ijoollee  umuriin  isaanii hanga  waggaa 8tii ta'e  eegalce sadarkaa shan  kecssa  dabarsee,  tooftaa  adda  addaa fayyadamuun leenjii  barbaachisaa  ta'e  kennuun  beekumaa  fi  safuu  hawaasni  kun  qabu  barsiisce,  duudhaasaa erga  qaabachiiseen  booda  miseensa  sana  keessaa  watTa  ulaagaa  armaan  gaditti  tarreeffamc guutan  keessaa  ilaalanii  angoodhaaf kaadhimu.  Sadarkaa  jahaffaa  irratti  filannoo  bilisa  ta'ccn dandeetti  fi  beekumsa  irratti hundaa'uudhan filatamanii  muudamu.  Waggaa saddeetiif erga  biyya bulchaniin  booda  sadarkaalee  gorsitummaa  keessadarbuun  hanga  dulloomanii  jaarsomanitti hojjatu.

Ulaaga Abbaan Gadaa fi  Koreen  hojii raawwachiistuu  ittiin  filaman  keessaa:
Namni  aangoo  Gadaa  fudhatu  kakuun  kakatu  waan  jiruuf,  nama  qulqulluu  waan yakkaa/cubbuu kan  hin hojjanne ta'uu qaba.
Nam Seera  Gadaa  fi  dubbii  jaarsummaa  beeku ,  hariiroo  hawaasa  naannoosaa  waliin qabuun,  amanamummaa fi  fudhatama kan qabu.
Nama beekaa, kan dbugaa bin dabsine  fi  murtii  haqaa kennuu danda'u.
Nama  bultii  qabu,  maatii  isaa  baala  gaaridbaan  bulcbu.  Kan  bojjatee  qabeenya  itti  bulu borate.
Nama  Amala  badaa  irraa  bilisa  ta' e,  dbugaatii  kan  hin  guddifne,  oftuulummaa  fi ofittummaarraa bilisa kan  ta'e.
Nama dammaqina qabu, kan ofitti  amanu  fi  ijjannoo cimaa qabu

Sadarkaawwan  Gadaan  tokko  keessa  bulluuqu,  kudbani.  ljoolleen,  bara  Gadaa  abbootasaanii dhalatan waggaa 0-8  Dabballee jedbamu. Kan  umurii  waggaa 9-1 6  Gaammee xixiqqoo dha.  Kan umuriinsaanii  waggaa  17-24  Gaammee  guguddoo  jedhamu.  Kan  umurii  waggaa  25-32 Foollee/kuusaa  dha,  waggaa  33-40  tti  Raaba-Doorii  ta'uun  sadarkaa  shanan  keessa  hulluuqu . Sadarkaa ja'affaarratti kan  waggaa 41-48  Gadaa ta'u.  Waggaa  afurtama  abboonni  isaanii  aangoo qabatanitti,  gadoomanii  waggaa  saddeetiif  biyya  bulchu.  Bara  Gadaasaaniis  ijoolleensaanii Dabballee  ta'uun  marsaa  itti  aanu  jalqabu.  Egaa  Gadaan  shananuu  akkanatti  dabareedhaan  itti darbanii  biyya  bulchanii  dhaloota  itti  aanutti  dabarsu.  Miseensonni  Gadaa  aangorraa  yoo  bu 'an sadarkaa  torbaffaatti  ce'anii  Luba /yuba  lffaa  ta'u, waggaa saddeet booda  Luba/yuba  lammaffaa ta' u,  waggaa  saddeet  booda  Luba /yuba  4ffaa  ta'u  sadarkaa  lubummaa  keessatti  gayeen  isaanii gorsa  kennuun  kan  dabe  qajeelchuu  dba .  Sadarkaa  Lubummaa  keessa  fullaa'anii  Gadaamoojjii ta'uun waggaa saddeet turaniijaarsa ta ' uun  soorama ba'u.

Gadaan Uummata Oromoo maal fayyade?
I Siyaasa
l.Dimokraatawaa ta'uusaa
Aangoon  Gadaa  ol  aantummaa  qaamolee  murtaa' aniin  kan  qabame  otoo  hin  ta'in  kan  dabaree darbuu  fi  hawaasa  hunda  kan  hinnaachisu  ta'uunsaa,  Warri  gadoomee  biyya  bulcbu  filannoo bilisa  ta'een  uummataan  kan  filamu  ta'uunsaa,  Gadaan  tokko  waggaa  8  aangorra  turee  yeroo isaaf  murtaaye  oggaa  xumure,  tuuta/garee  Gadaa  isatti  aanutti  aangoo  karaa  nagaatiin  kan dabarsu  ta'uun  isaa,  Gadaan  tokko  marsaa  tokko  caala  filamuu  kan  hin  dandeenye  ta'uunsaa, Aangoon  siyaasaa  karaa  nagaatiin  garee/tuuta  tokkorraa  tokkootti  kan  darbuu  ta'uusaa,  seerrii Gadaan  biyya  ittiin  bulchu  bara  Gadaa  tokkotti  yeroo  tokko  marii  bal'aa  taasifamuun  ceephoo taasifamuun  haala  yeroo  waliin  akka  wal  simutti  kan  haaromfamu  ta'uunsaa ,  secra  kana waraabbachuuf  miseensi  Gadaa  bakka  jiran  hundaa  kan  walitti  dhufanii  itti  amananii waraabbatanii  kan  galan  ta'uunsaa ,  secra  tumamu  kana  irratti  daa'ima  waggaa  torbaatii  qabee hanga  jaarsa   waggaa   torbaatamaa  kan   irratti   hirmaatan   ta'uunsaa   fi   kkf  Sirna   Gadaa dimokraatawaa ta'uusaa raga ba'u.

Sirni  Gadaa  diimokraatawaa  ta'uunsaa  uummanni  Oromoo  cunqursaa  malee  bilisoomee  akka jiraatu , hariiroo hawaasummaa jabaa kabajaa fi  jaalala irratti hundaa' e  akka qabaatu  fayyadeera . 2. Kabaja  Mirga  Namoomaa Sirni  Gadaa  mirga  namoomaa  ni  kabaja.  Daa'imni  yoo  dhalattu  birmaduu  dha jedha.  Birmaduu jechuun  dhalootaan  bilisa  kan  ta'e  jechuu  dha .  Sirni  Gadaatiin  bim1adummaan  uumamaan kenname  sun  hin  xuqamu.  Kabajni  mirga  namoomaa  kun  sabni  Oromoo  ija wai  qixa  ta'een akka wal  ilaalu  fayyadeera .  Oromoon  gosa  tokko  keessaa  bayee  gosa  biraa  keessa  dhaqee  yoo qubachuu  barbaade,  seeraan  gaafatee,  gosti  itti  dhaqe  sun  gosa  ofitti  moggaasaniit  qubachiisu.

Kan  Oromoo  hin  ta 'in  illee  kooluu  yoo  gaafate,  ofitti  fuudhanii,  moggaasanii  Oromummaa gonfaniifii  gosa  ofii  taasisu.  Scera  Sirna  Gadaatiin  Ilmoo  namaa  ija  wal  qixa  ta'een  ilaalamuun isaa Oromoo ol' aantummaa fi  gad  aantummaa irraa/cunqursaa irraa  akka bilisoomu taasiseera. Sirna  Gadaatiin  mirgi  namoomaa  kan  ecgame  ta 'uunsaa  hawaasni  Oromoo  ilaalcha  bilisa  ta'e akka  qabaatu,  wal  qixxummaa  ilmoo  namaatti  akka  amanu ,  mirga walii  otoo  hin  xuqin  ulfinaan akka walitti  bulu taasiseera.

3. Kabaja  Mirga Dubartootaa
Sirni  Gadaa seera  mirga  dubartootaa  ittiin  eegu qaba.  Seerri  mirgi  dubartootaa  ittiin  eegamu  kun Seera  Siinqee jedhama.  Seerri  siinqee  dubartoonni  gurumuu  uummatanii  mirga  isaanii  kan  ittiin tikfatan  yommuu  ta' u  ulee  qalaa ,  sorooroo  qabatanii  ba 'anin  moggaafama.  Siinqeen  dubara heerumtuuf gaafa manaa baatu  haadhashiitiin  kan  kennamu yommuu ta'u, jireenya of duraa  ishii eegu keessatti  mirgashii  akka ittiin kabajsiifattuufi. Mirgi  dubartii  abbaa  warraaishiitiinis  ta'e  nama  biraatiin  yoo  xuqame,  mallattoo  sagalee  ililii, ililii  jedhuun  wal  waamanii  siinqeesaanii  qabatanii  walii  birmatanii  walii  qaqqabu.  Dubartiin mallattoo  ililfannaa  dhageesse  hojii  of  harkaa  qabdu  battalatti  dhiistee  siinqeeshii  qabattee birmachuuf dirqama  qabdi.  Qe'eesaanii  adiyyootti  dhiisanii  yeroo  deeman  kana  kan  qe'eesaa eeguuf dirqama  qabu  abbaa  warraa  dha.  Kun  ejjannoo  mirgasaanii  kabajsiisuuf  qaban  mul'isa.

Dubartoonni  siinqee  qabatanii  dubartii  miidhamte  sana  qaqqabanii,  siinqee  faarsaa,
miidhaasaanii  himachaa  gara  caffee  Gadaatti  deemu.  Caffeen  ulfinaan  isaan  Sirnatee himannaasaanii dhaggeeffatee, nama mirga dubattii sanaa tuqe, seeratti dhiyeessee adaba.

Dubartoota  siinqeedhaan  deemanitti  dhiirti  karaatti  yoo  dhufe  fardarraa  bu'ee,  ulfinaan  nagaa gaafatee,  hayyamasaanitiin  darbee  deema.  Akka  dhufetti  qaxxaamuree  yoo  darbe,  himatamec adabamuu  danda' a.

Dubartii  siinqee  qabattee  kophaa  deemtutti  dhiirti  karaatti  dhufe  ulfinaan  dubbisee  bira  darba . Dubartiin  siinqee  qabatte  deeggarsa  ishiin  namarraa  barbaadde  hunda  ni  argatti.  Sababa  adda addaatiin  maatiin  ishii  rakkina  keessa  yoo  galee  waan  fuutu  dhabde  dubattiin  siinqee  qabattee warra  qabeenya qabu dhaqxee rakkoo  na baasaa yoo jette, hin dhabdu.
Sirni  Gadaa  mirga  dubartootaa  kan  kabaju  ta'uunsaa  dubartoonni  hawaasa keessatti  gayec murteessaa ta'e akka qabaatan godheera.

II Diinagdee
l.Gayee Dubartiin diinagdee  keessatti qabdu
Sirni  Gadaa  keessa  gayeen  qabccnya  bulchuu  kan  dubartii  ti.  Dhiirti  qotee  galchuu,  horsiisee tiksuu  malee,  qabeenya  sana  kan  soorata  maatiif ooluu,  kan  gurguramee  soogiddaa  fi  bunaan bitatan  kan  murteessu  ishii  dha.  Nama  rakkatellee  gargaaruu  yoo  barbaade  haadha  warraadhaan mari'ata  malee  akka  barbaade  gochuu  hin  danda'u .  Dhiitti  to'achuu  fi  itti  fayyadamuu  irratti gayee dubartoonni qabanitti  amanee  hin  fudhanne  fi  to' annaa jabeessu qorqoraa jedhama.

2.Hojii gamtaa
Sirna  Gadaa  keessatti  hojiin  kabaja  guddaa  qaba.  Namni  hojii  hojjatus  hawaasa  keessatti  ulfinaa fi  jajuu qaba.  Guyyaa  Dilbataarraan  kan  hafe  gaafti  hundi  hojii dha.  Isumayyuu  boqannaa  ofiitii malee  seerri  hojii  dhoowwu  hin  jiru.  Aadaan  hojii  uummanni  Sirna  Gadaatiin  bulu  qabu,  hojii gamtaa  ti.  Hojiin  gamtaa  Gadaan  jajjabeessee  asiin  gaye,  Daboo/namni  hojii  bal'aa  qabu,  kan qophaatti  hojjatee  hin  dandeenye,  waan  nyaachaa  fi  dhugaatii  qopheessee,  namoota  beeku  hanga barbaade  itti  waamee  kan  hojjachiifatu  fi  innis  gaafa  warri  isaaf hojjatan  isa  waammatan  dhaqee kan  harka  itti  deebisu.  Aadaan  hojii  kana  fakkaatan  kan  akka  daadoo  fi  wanfalaas  jiru garaagarummaan  isaan daboo waliin  qaban  bal'inni hojii  fi  baay'inni  namaa xiqqaachuusaati.

3.Qabeenya Horachuu
Argaa  walii  kennuun  Seera  Gadaa  keessatti  tooftaa  qabeenya  ittiin  horatanii  fi  dhalootatti dabarsanii  dha.  Argaan  akkaataa  lamaan  kennama.  Dhiirti  dhalatee  gaafa  guduruu  ittiin  dhalate irraa  buusanii  maqaa  moggaasaniif  argaa  kennuuf.  Argaanisaa  raadalgoromsa  tokko,  yookaan sana  caalas  ta'uu  mala,  warrisaa  akka  qabeenya  qabanitti  kennuuf.  Raadni/goromsi  sun  hanga mucaan  guddatee  fuudha  ga 'utti  ni  horaaf.  Gaafa  fuu dhu  horiisaa  sana  fudhatee  mana  ba' a.
Dubri  immoo  argaan  ishii  gaafa  heerumtu .  Warri  dhaqxu  argaadhaan  Sirnatu.  Namni  fira  gurbaa fuudhee  ta'e hundi  argaa kennu  malee  ishii  hin argu . Warri  gurbichaas sa'a tokko  handhuuraashii kan  ta'e  kennuuf.  Warri  ishiis  yoo  qabaatan  raada/goromsa  inuma  kennu.  Argaa  gurbichi
daa'imummaan   argaterraa   horii  horate   fi    argaa   haati   warraasaa   argatte   walitti   qabanii jireenyasaanii jalqabatu.  Akkanatti  qabeenya walii  horan. 

4.Qabeenya walii  qooduu
Sirna  Gadaa  keessatti  namni  horii  horee  sooromee,  horiin/loon  inni  horsiifate  kuma  yoo  guute, hajaa  qopheessee  biyya  waamee  kom1a  qalee  garaacha  uffata.  Seera  kana  raawatee  ka'ee  raada tokkoos  lamas  hamma  inni  barbaade  loonsaa  keessaa  fo'ee  gadi  dhiisa.  Raaddeen  sana  nama rakkataa  harka  qal'aatu  fudhata .  Inni  qabu  isa  hin  qabneef akka  qoodu  Sirni  Gadaa  gargaarera. Warri  kana qaqqabe warra kuma gate jedhamu ulfina qabu.

5. Wal gargaarsa
Hawaasni  Sirna Gadaatiin  bulu  aadaa  wal  gargaarsaa  boonsaa  qaba.  Namni  tokko  sababa  ta'een qabeenyi  harkaa  barbadaayee  yoo  hiyyoome,  lammiisaa  keessaa  bayee  iriguu  hin  deemu.  Namaa gadi  ta ' ee  hamiileensaa xuqamu.  Lammiin  isaa  hirphee/  haala  buusiitiin  kan  qabu  midhaan  qicec kennaaf,  kan  horii/loon  qabu  raadaf goromsa  kennaaf,  kaan  jibicha,  kaan  hoolaa,  re'ee,  kaan maallaqa  kenneefii  hirphee  deebisee  dhaaba .  Sirni  Gadaa  aadaa  walgargaarsaa  fakkeenyummaa qabus  ni  qaba.

III Hawaasummaa
l.  Hawaasa keessatti gayeen  dubartoonni qaban guddisuu
1.1  Lola dhaabuu
Sirna  Gadaa  keessatti  aangoon  dubartoonni  qaban  inni  kaan  lola  dhaabuu  dha.  Lolli  gosa keessattis  ta ' e  gosa  garaa  garaa  gidduutti  yoo  ka'e  kan  miidhaan  qaqqabu  hanga  dubmtoonni siinqee  qabatanii  iddoo  sana  qaqqabanitti  qofa.  Dubartoonni  siinqee  qabatanii  iddoo  sana  akka ga' aniin  walakkaa  seenuudhaan  aangoo  seera  siinqeetiin  kennameef  fayyadamuun  lola  sana battalatti  dhaabu.
1.2  Waaqa kadhachuu
Gayeen  dubartoonni  qaban  kaan  biyyaaf  Waaqa  kadhachuu  dha.  Hawaasni  \Vaaqa
kadhannaadhaa  bakka  walga'u  maratti  dubmtoonni  dura  deemu,  kan  isaan  fundura  deemu daa'imman  xixiqqoo  qofa.  Keessattuu  yeroo  rakkinni  dhalate  fkn  ongeen  yoo  uumame,  dhibeen daddarbaan  yoo  biyya  dhufe  fi  rakkoo  biraallee  yoo  qaqqabe  rakkina  akkanaa  furu uf,  malkaa bu'anii  irreeffatanii  Waaqa  kadhatu.  Dubartoonni  dandeettii  Waaqa  araarfannaa  akka  qaban amanamaa dha.
1.3  Cubbuu baasuu
Seerri  hawaasummaa  duudhaan  kabajamaa  Oromoon  qabu  namoota  seeraan  ala  deemaniin  yoo cabe,  qoratanii  seera  cubbuun  ittiin  ba'uun  cubbuu  irraa  baasanii  akka  sirratu  godhu. Fakkeenyaaf  dhiiraa  fi  dubartii  firummaa  fuudha  dhoowwu  walirraa  qaban  gi dduutti quunnamtiin  saalaa  yoo  uumame  warri  waan  akkanaa  raaw'atan  akka  qaana'anii  ti  akka dogooggorasaanii  irraa baratanitti bakka uummanni  wal ga'etti kan raaw'atama.
1.4  Guddifachaa
Sababa adda addaatiin  warri  dhala  dhabuufis  Sirni  Gadaa  mala  qaba.  Malli  kun  namoonni  dhala dhaban,  akka  hamiileen  hin  xuqamne,  namni  isaan  xoom akka  hin  dhabamnee  fi  dhaaltuu  akka hin  dhabne,  seera  guddifachaa  tumce  warra  ijoollec  hedduu  borate  in·aa  ilmoo  angafaa  kan  hin ta'in keessaa filatanii  warra dhale kadhatanii  guddifatu.  Seen·i kun  warra dhale ormoomsee  warra guddifatu  ilmoo  taasisaaf.  Isaanis  daa'ima  guddifatan  sana  akka  ilmoo  angafaatti  il aalanii guddisanii  dhaaltuu  taasifatu .  Guddifachaan  seera  rakkoo  hawaasummaa  furu  yommuu  ta' u, seera  hariiroo hawaasaa Itoophiyaa irrattis  maqaa kanaan galmaayeera.

2. Kunuunsa  naannoo
Akka  aadaa Oromootti  uumamni  naannoo jiru ulfinaa  fi  kabaja  guddaa  qaba.  Mukecn guguddoo naannoo  jiran  akka  gaaddisa,  akka  waltajjiitti  lakkaa'amu.  Ulfinni  Odaan  argatees  kan  kanaan wal  qabatu.  Mukeen akkanaa muruu ni  oodatu,  ni  safeeffatu.  Seerri  Gadaa ol adeemaan muka bin muru  jedha.  Namni  umurii  dargaggummaa  keessa  jiruuf muka  dhaabuu  malee  muruun  hin heyyamamu.  Muka jiidhaa  hin  muran  mukti  dhimma adda  addaaf flm.  Ijaarsa  manaaf muramuu mal u  muka  guddina  fixate  dulloomee,  kan  hin  !anne  goguu  kajeele  dha.Isumaa  manguddoon keessaa  ilaalanii  filanii  itti  aggaamaniit  dargaggootti  kennu.  Mana  keessatti  nyaata bilcheeffachuudhaaf  kan  fayyadaman  urraa  goggogaa  bosona  keessa  deemanii  guurratanii  fi kaboota dhoqqee looniin·aa xaxxafanii  qoorsan.

Maddi  bishaanii/burqaan  kunuunsa  bosonaan  kan  wal  qabate  ta' uusaa  hubannoon  waan  jiruuf kunuunsa addaatu taasifama.  Burqaa qofa odoohin taane gabbina lafaatifis eegumsi  ni  godhama.
Diinagdeen,  qooddiinsa  lafaa  walabaa  fi  loogii  malee  mirga  bilisummaa  dhalootaan  argamuun qoodama.  Qubannaan  gosaan  waan  ta'eef,  miseensi  gosa  sanaa  hundi  qixxee  kan  itti  hirmaatu. Margi/citaan  horsiisa  looniif,  itti  fayyadaman  illee  haala  dhalootaa  fi  qubsumaan  tajaajila.
Tooftaa  lafa  ittiin  kunkunsan  keessaa,  lafa  qonnaa  fi  foonaa  loonii  bara  baraan  iddoosaa gegeeddaranii  qotuun gabbina biyyoo dabaluuftooftaan itti  fayyadaman eeruun ni  danda'ama.

3.Irreechaa
Sirni  Gadaa  Sirna  hariiroo  hawaasa  gidduunjiru  cimsuu  fi  tokkummaa  uummataa  mirkaneessu. Irreechi  ayyaanni  waggaa  waggaatti  barii  birraa  sababeeffachuun  Waaqa  bacaqii  gannaa uummatasaa  oofkalchee  booqaa  birraa  qaqqabsiiseef  kan  galanni  ittiin  dhiyeeffamu.  Irrcechi bakka  adda  addaatti  kan  kabajamu  ta ' us  Sirna  ho 'aa  fi  hirmaannaa  bal'aan  kan  kabajamu  kan magaalaa  Bishooftuu  Hora  Arsadii  itTatti  kabajamu.  lrreechi  faayidaan  inni  qabu  kan  biro , uummata  Oromoo  bakka  tokkootti  walitti  qabuun  akka  aadaasaa  mul'isu,  akka  wal  gaafatu  fi waliif yaadu  taasisuusaati.  Ayyaana  kana  irratti,  galanni  fi  abdiin  Waaqaa  kan  ittiin  ibsamu keessaa  faaruun  mareewoo jechuun faarfamu  isa tokko.
"Hoo yaa mare woo,  mare woo,  mare woo
Alaa  manaaf nuutolii  yaa  aayyoolee  woo."  Hiikaansaa  sararri  duraa  nagaadhaan  waggaan  mare dhufuuisaa  kan  agarsiisu  yommuu  ta 'u,  saratTi  lammaffaa  immoo  hawwii  fi  amantaaWaaqarraa qaban mul'isa.

4.Araara
Sirna Gadaatiin  hariitoon hawaasaa kanjibbaa fi gomeen keessatti  hin  dagaagne  sirricha.  Gadaan kan wallole  ni  araarsa.  Miidhaan qaqqabe  kiisii  namaa baasisa.  Qabeenyi  bade  gatii  baasisa,  yoo lubbuun darbe  immoo gumaa baasisuun  araara buusa.
Hojiin  jaarsummaa  irra  caala  namoota  yaada  galfatanii  qancaraniin  hojjatama.  Caasaan  isaa sadarkaa  sadarkaadhaan  jira.  Sadarkaan  jaarsummaa  inni  ol'aanaa  caffee  dha.  Aadaan araaraa/jaarsummaa  Oromoon  qabu  dhugamTatti  hundaa'a.  Dhugaa  baasaniit,  seera  Gadaan tumateen  murtee  kennu.  Kun  fayidaa  Gadaan  haala j ireenya  hawaasummaa  mijeessuu  keessatti qabu.

Sirni Gadaa galmee bakka bu'ummaa Yuuneskoo irratti galmaa'uun isaa maal fayyada?

•  Gdaan  hariiroon  hawaasaa akka  qajeelu kan  hojjatu  waan  ta'eef jiruu fi jireenyi hawaasaa nagaa  fi qabbana kan  qabu  akka ta'u waan  hojjatuufwalitti bu'iinsa fageessec  waliigaltcc fi jaalala kan jajjabeessu waan  ta'eef aadaan  fayidaa  qabeessi  akkanaa akka  beekamuu  fi jajjabeeffamu taasisa.
•    Aadaan  Oromoo  addunyaarratti  akka  beekamu,  seenaa  fi  duudhaaleen  ummatichi  qabu sadarkaa addunyaatti beekamee akka dhalootatti  darbu haala mijaa'aa uuma.
•    Aadaan  aangoo  siyaasaa karaa nagaatiin,  eebban dabarsanii  kennuun,  Oromoon uummata aadaa   dimokraasii   qabu,    uummata   ilaalchaan   qaroome   ta'uusaa   wanta   ibsuuf uummattoota birootiif fakkeenyummaan  isaa guddaa dha.
•    Aadaan  dimokraasii   uummanni  kun  qabu  sadarkaa  addunyaatti   beekamtii  argatee kunuunfamee, tikfamee akka dhalootatti  darbu gargaara.
•  Ilaalcha  dogoggoraa  srma  Gadaarra  ture  mormuun  maalummaa  Gadaa  ifa  baasec Oromoon  uummata  aadaa  di mokraasii  qabu  ta'uusaa  ragaadhaan  mirkaneessuun  dhugaa kana addunyaan akka amanee  fudhatu  godha .
•    Aadaan  uummanni  Oromoo  qabu  aaddunyaarratti  beeksisee  hawwata  tuuristii  akka  ta'u gargaara.
•  Bulcchiinsi  ammayyaa  sadarkaa  biyyaattis  ta'e sadarkaa  naannootti jim Sirna Gadaarraa muuxannoo  isaan  fayyadu  bulchiinsa  ammayyaa  waliin  walsimsiisuu  akka  fayyadaman karaa bana.


Kanafu  Sirni Gadaa hambaa addunyaa  ta'uudhaan  galmee  bakka bu ' ummaa Yuuneskoo  irratti akka nuuf galmaa' u kabajaan  gaafachaa,  gama kanaan  Abbaan Taaytaa Qorannoo  fi Eegumsa Hambaa sochii  taasisu hundaaf deeggarsa kan  goonu ta'uu keenyaa ibsaa , kakka 'umsa taasisuuf duraan dursinee ni  galatoomfanna.

No comments:

Post a Comment

Featured Post

interpersonal relationships

Man is not made for life without social contact and communication. The chronicler and the Franciscan Salimbene of Parma recorded an experime...